(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 15, 2010) Maadheleen maadhee Bakkalcha Barii jalatti gurma’an walitti dhufanii Amajjii 1 guyyaa WBO kabajataniiru. Dhimma QBO fi haala WBOn keessa darbee as gahe irratti erga mari’atanii booda, qarshii 242 gumaachaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun maadheleen Konyaa Dabbaal jalatti argaman Amajjii 06,2010 walitti dhufanii Amajjii 1 guyyaa WBO ayyaaneffataniiru. Dhimma QBO irratti ibsi kan kenname oggaa ta’u, sirna kana irratti walaloolee fi dhaadannooleen adda addaa WBO fi ABO faarsan dhihaataniiru. Maadheleen kanneen WBO jabeessuuf battalumatti birrii 2239 arjooman.
Maadheleen Konyaa Hawwii Bilisummaa jalatti argamanis Amajjii 07,2010 walitti dhufanii guyyaa WBO Amajjii 1 kabajataniiru. WBO jabeessuufis qarshii 3544 gumaachaniiru.
Sabboontotni Oromoo Godina I/A Booraa maadhelee adda addaa jalatti argamanis guyyaa WBO Amajjii 1 haala ho’aan kabajataniiru. Dhimma QBO ABOn durfamu irrattis marii gochuun bara haaraa kanatti caalaatti hojii qabsoo itti fufuuf waadaa isaanii haaroomsaniiru.
Miseensotni maadhee Daadhii Fayyisaa jalatti gurma’anis Amajjii 1 guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 ayyaaneffataniiru. Ibsa ejjennoo baafataniin, haga gaaffiin Oromoo deebi’utti qabsoo kan itti fufan ta’uu ibsuudhaan, saamicha qabeenyaa fi albuuda Oromiyaa wayyaaneen itti jirtu cimsanii mormaniiru; dura kan dhaabbatan ta’uus ifa godhan.
MOA